Balaa Ibiddaa Chaayinaatti lubbuu namoota 44 galaafachuun namoota 62 irra miidhaa qaamaa qaqqabsiise
Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Balaan Ibiddaa Chaayinaa Appaartaamaa guddaa tokkorratti mudate lubbuu namoota 44 galaafachuun namoota 62 irra miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu gabaafame.
Aanga’oonni Hong Kong akka ibsanitti, namoonni 279 achi buuteen isaanii hin argamne.
Balaa kanaan manneen jireenyaa kumaatamni gubachuu ibsame.
Ibiddi hamaan Hong Kongitti gamoo mana jireenyaarratti qabate kun qabeenya hedduu barbadeessuu CGTN fi CBS Newsn gabaasaniiru.
Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing miidhaa qaqqabeef gaddi guddaann itti dhagamuu ibsuum miidhaa qaqqabuu malu xiqqeessuuf hojjetamaa jira jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.