Fana: At a Speed of Life!

Balaa kirkira Lafaa Raashaa booda sodaa sunaamii uumame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Kirkira lafaa cimaa Raashiyaa keessatti mudateen biyyoonni hedduun balaa sunaamii jala galaniiru.

Biyyoonni naannoo Galaana Paasifikii hedduun kirkira lafaa humna 8.8 qarqara bahaa Raashiyaa irratti mudateen booda balaa sunaamii jala jiru.

Kirkirri lafaa kun magaalota naannoo sana jiran irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, naannoowwan qarqara galaanaatti dhiyoo jiran irrattis miidhaa guddaa geessiseera.

Kana malees, erga dambaliin galaanaa meetira 1.7 ol ta’u kutaa biyyaa Ameerikaa Hawaayitti galmaa’ee booda namoonni Kaaba Kaalifoorniyaa qarqara galaanaa irraa fagaatanii lafa olka’aa akka barbaadan gorfamaniiru,.

Naannoolee Jaappaan tokko tokkos danbalii meetira 1.3 ol ta’uun rukutamuu fi namoonni gara miliyoona tokkoo fi kuma 900 ta’an akka baqatan ajajamaniiru.

Hanga ammaatti Ikuwaadoor, biyyoota Ameerikaa tokko tokkoo fi Raashiyaatti danbaliin hanga meetira 3 ol ta’u uumamuu akka danda’u akeekkachiifamaniiru.

Chiilii, Koostaa Riikaa, bulchiinsa Ameerikaa tokko tokko, Jaappaanii fi odola Paasifikiitti danbaliin meetira 1 hanga meetira 3 ol ta’u uuamamuu akka danda’u akeekkachiifamaniiru.

Akkasumas Awustiraaliyaa, Kolombiyaa, Meeksikoo, Niwuu Ziilaand, Toongaa fi Taayiwaan irratti danbaliin sunaamiin hanga meetira 1 ta’u uumamuu akka malu akeekkachiisni kennamuu BBC’n gabaaseera.

Yoonaas Geetinnatiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.