Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa dogoggora konkolaachisaan dhufu ittisuuf hojjetamuu qaba

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Balaa Tiraafikaa sababa dogoggora konkolaachistootaan dhufu ittisuuf hundu ga’ee isaa ba’uu qaba jedhame.
Qabeenya mancaasuu, qaama hir’isuu fi lubbuu namaa galaafchuun rakkoo uumaa kan jirui balaa tiraafikaa hir’suu irratti kan xiyyeeffarte torbeen nageenya tiraafikaa kabajamuu erga eegalee bubbuleera.
Bara kanas mata duree “Ariitiin lubbuu malee, fageenya hingabaabsu”  jedhuun bakka adda addaatti kabajamaa jira.
Guyyaa tiraafikaa magaalaa Asallaatti har’a kabajame irrattis rakkoo kana qindoominaan hojjechuun hir’suun ga’ee nama hundaa akka ta’e dhaamsi darbeera.
Itti gaafatamaan Ejeensii Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Mohammad Jaarraa sagantaa kana irratti ergaa dabarsaniin,  yeroo konkolaachisnuu fi imallu seera daandii fi tiraafikaa kabajuun miidhaa lubuu namaa fi qabeenya irratti raawwatu hambisuuf ga’ee keenya haa baanuu hubachiisan.
Keessumaa hanga humna konkolaattotaa ol darbaa fe’uun nageenya tiraafikaa rakkoo keessa galchaa waan jiruuf, konkolaachistoonni “dogoggora kootiin duuti haa dhaabbatu” jechuun balaa tiraafikaa hir’isuuf kutannoo fi itti gaafatamummaan tajaajiluu qabu jedhan.
Daandiin balaa tiraafikaa irraa akka walaba ta’uuf dursa nageenya konkolaataa mirkaneessuu barbaachisa kan jedhan obbo Mohammad Jaarraa, imalaanis darbaa fe’amuu fi taarifaa ol kaffaluu diduun mirga isaas kabachiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kantiibaa Itti aanaan Magaalaa Asallaa Abdullaahii Haamuu gama isaaniin aka magaalaa Asallaatti imaltootaaf haala miijessuuf sagantaa Misooma Koriidarii keessatti xiyyeeffannaan hammatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa balaa tiraafikaa hir’isuuf yeroo kamiyyuu kan hojjetu ta’uus kaasaniiru.
Qaamoleen hawaasaa garaagaraa, barattooti fi barsiisoti manneen barnootaa  fi hojjettootni mootummaa biroon sagantaa kanarratti hirmaataniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.