Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa dogoggora konkolaachisaan mudatan ittisuuf…

Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) –Balaa Tiraafikaa sababa dogoggora konkolaachistootaan mudatan ittisuuf hojjetamu qaba jedhe Eejensiin Geejjiba Oromiyaa.

Magaalaa Asallaatti torbeen nageenya tiraafikaa mata duree “Ariitiin lubbuu malee, nageenya hingabaabsu” jedhuun kabajameera.

Itti gaafatamaan Ejensii Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Mohammad Jaarraa ergaa dabarsaniin, yeroo konkolaachisnuufi imallu seera daandii fi tiraafikaa kabajuun miidhaa lubbuu namaa fi qabeenya irra qaqqabu hambisuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba jedhan.

Keessumaa humnaa ol fe’uun, nageenya tiraafikaa rakkoo keessa galchaa waan jiruuf, konkolaachistoonni “dogoggora kootiin duuti haa dhaabbatu” jechuun balaa tiraafikaa hir’isuuf kutannoo fi itti gaafatamummaan tajaajiluu akka qabanis hubachiisaniiru.

Bakka bu’aan hogganaa Eejensii Geejjiba Oromiyaa Musbaahuddiin Abdulmajiid gamasaaniin, akka naannoo Oromiyaattis balaa tiraafikaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.

Balaa lubbuu fi qabeenyarra gahu hambisuuf hojii bal’aan hojjetamuu kaasuun, hubannoo yeroo yeroon hawaasaaf kennameenis rakkoo hedduun hir’ataa jiraachuu himaniiru.

Sosochii nageenya Tiraafikaan dabalata marii paanaaliin sagantichi xumurame jira.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.