Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa Walaayittaa Sooddootti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC)- Balaa tiraafikaa magaalaa Walaayittaa Sooddootti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe.

Ajajaa Olaanaan Poolisii magaalichaa Itti aanaan Komaandaraa Habtaamuu Asaffaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, magaalichatti balaa konkolaataan dhabamsiisa balfa dhangala’aa qaqqabsiiseen hanga ammaatti lubbuun namoota sadii darbeera.

Balichaan namoota sadiirra miidhaan gahuufi namoota sadan keessaa namni tokko haala yaaddessaa keessa akka jiru dubbataniiru.

Namoonni miidhaan irra gahe wal’aansaaf  gara Hospitaala Kiristiyaanaa Sooddoofi Hospitaala Barnootaa Ootaanaa geeffamuu eeran.

Ka’umsi balichaa rakkoo teekinikaa irraan kan ka’e fireeniin konkolaataa dhabamsiisa balfa dhangala’aa hojjechuu dhabuu ta’uu kaasaniiru.

Konkolaatichi kankolaattota jaha waliin walitti bu’uun miidhaa qabeenyaa cimaa qaqqabsiisuus dubbataniiru.

Maastawaal Asaffaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.