Balaan Ibiddaa Israa’eelitti mudatee ture to’atame
Fiinfinnee, Ebla 25,2017(FMC) – Balaan Ibiddaa Israa’eelitti mudatee ture tattaaffii hojjettoota ittisa balaa Ibiddaan saa’atii 30 booda to’atamuun ibsameera.
Balaa Ibiddaa biyyattiitti guyyoota murtaa’aniif ture kanaan jiraattonni naannoo Iyerusaaleem hedduun qe’ee isaaniirraa buqqa’uun kan eerame yoo ta’u, aarri balaa kanaan uumame namoota 12 irratti rakkoo argaansuu uumeera jedhame.
Abbaan taayitaa Balaa Ibiddaa Israa’eel akka beeksisetti, balaan bal’ina lafaa kiilomeetira 20 gube kun gara Magaalaa guddittii biyyattiitti babal’atee utuu miidhaa guddaa hingeessisin hojjettoonni Ittisa balaa Ibiddaa Israa’elii fi kan biyyoota biroo walta’uun to’annoo jala oolchuu danda’aniiru.
Hojjettoonni Ittisa balaa Ibiddaa Xaaliyaanii, Kirooshiyaa, Ispeen, Yukireen fi Roomaaniyaa duula kana tumsuu isaanii Abbaan Taayitichaa beeksiseera.
To’atamuu balaa kanaa hordofees daandiin Teelaaviiv irraa gara Iyerusaalem geessu tajaajilaaf banameera.
Ministirri Muummee Beenjaamiin Naataaniyaahuun ibsa kennaniin, balaan Ibiddaa kun ta’e jedhamee namootaan kan qabsiifamee fi kan babal’ate ta’uu dubbatanii, dhimmichi akka qoratamus ajajaniiru.
Ajaja kana hordofee qorannoo gaggeeffameen namoonni 18 poolisiin to’atamuun dhaga’ameera.
Seenaa Israa’eel keessatti balaan Ibiddaa guddaan kan mudate bara 2010 yoo ta’u, balaan kun lafa hektaara kuma 12 gubee ture.
Lubbuu namoota 44 galaafachuus “Associated Press” fi “Tempo News” gabaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia