Balaawwaniif dandeettii ofiin deebii kennuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 20, 2017(FMC) – Itiyoophiyaatti eeggattummaan %86 hir’achuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa beeksise.
Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Dooktar Shifarraawu Taklamaariyaam akka ibsanitti, balaawwan uumamaafi nam-tolchee biyyattiitti bara 2018 mudachuu malaniif dandeettii ofiin deebii kennuuf hojjetamaa jira.
Balaawwan uumamaafi nam-tolchee akka biyyaatti mudachuu malaniif deebii kennuuf kuufamni midhaanii meetirik tooniin kumni 500 akka barbaachisu ibsaniiru.
Komishinichi kuufama midhaanii dhiyeessii guyyaaf oolu kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni 500 akka jiraatuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Oomisha waqtii Arfaasaarraa walitti qabamu irraa midhaan yeroo balaaf oolu kuntaalli miiliyoonni 20 man-kuusaa kan seenu ta’uus himaniiru.
Gama biraan imaammanni fandii yeroo balaa yeroo itti aanutti ni ragga’aan eegamu tattaaffii balaa dandeettii ofiin deebii kennuuf taasifamu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.