Bara 2018 Bulchiinsi Taaksii Ammayyaa hojirra oola – Dooktar Fitsuum Asaffaa
Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan bara 2018 bulchiinsa taaksii ammayyeessuuf hojiileen eegalaman guutuumman guutuutti hojirra ooluu jedhan.
Dooktar Fitsuum Karoora Misooma biyyaalessaarratti ibsa kennaniin, bara baajatichatti galiin waliigalaa mootummaa Tiiriliyoona1.5 akka ta’uuf karoorfamuu dubbataniiru.
Galii kana walitti qabuuf hojiileen garagaraa kan hojjetaman ta’uu ibsuun, hojiirra oolmaan tarsiimoo galii bara giddugalessaa cimee itti fufa jedhan.
Dabalataniis hojiin odiitii taaksii akka cimu, taaksiin qabeenyaa hojirra akka ooluuf akkasumas dabalaa kan dhufee galii naannooleef hojiin dandeettii cimsuu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Bulchiinsa taaksii ammayyaaf sirnonni diijitaalaa kan ciman ta’uus dubbataniiru.
Bara baajataa 2018 galiin mootummaa Tiiriliyoona 1.5 akka ta’uuf karoorfamuu himuun, kana keessaa Tiiriliyoonni 1. 1 galii taaksiiti jedhan.
Galii Taaksiin alaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 29 walitti qabuuf karoorfamuu kaasaniiru.
Galiin kun dhaabbileen tajaajila gurguruun kan baasan ta’uu isaan tajaajila isaanii ammayyeessuu qabu jedhan.
Karoora baasii mootummaarratti ibsa kennaniin, dhimmoota adda addaa yaada keessaa galchuun baajanni Tiiriliyoona 1. 928 qabameera jedhan.
Haaluma kanaan misooma invastimanti bara giddugalessaa, riifoormii sharafa alaa, haala qabatamaa Fiiskalaa akkasumas baasii kaappitaalaa piroojektoota buleeyyiif dursi akka kennamu taasifameera jedhan.
Naannoolee fi Bulchiinsi Magaalootaa ofii isaaniin baasii isaanii akka uwwisan, bu’a qabeessummaa qusannaa baasii bulchiinsaa, fi bittaa Diijitaalayizeeshiniin deeggarame akkasumas saaxilamummaa, deeggarsaa fi deebisanii dhaabuus kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo