Fana: At a Speed of Life!

Bara 2018 Diingadeen Itiyoophiyaa % 10.2 ni guddataan eegama

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa Diingadeen Itiyoophiyaa % 10.2 ni guddataan eegama.

Manni Maree Ministirootaa raawwii karooraa hojii guyyoota 100’n jalqabaa bara 2018 gamaaggameera.

Gamaaggamichi haala guddinaa fi mul’uu waliigalaa kan hammate ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Diinagdeen Itiyoophiyaa haala qabatamaa diinagdee Addunyaan yoo madaalame cimina addaa fi guddina saffisaa argamsiisuu eerame.

Bara 2017 keessa Diinagdeen Itiyoophiyaa 9.2 guddachuutu ibsame

Dameen qonnaa % 7.3, Indaastiriin % 13, akkasuma dameen tajaajilaan % 7.5 guddina agarsiisuu gamaaggamichaan ka’eera.

Guddinni Diinagdee Itiyoophiyaa gumaacha heddumataa kan qabu yoo ta’u, kunis qonni % 31.3, Indaastiriin % 30.2, akkasuma dameen tajaajilaa % 39.6 gumaachuu eerame.

Hojiilee jijjiiramaa hojjetamaa jiran, hojiilee misoomaa mootummaan hojjetaa jiruu fi Invastimantii haaraaf tumsa taasifamaa jiruun Diinagdeen Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 keessa % 10.2 guddachuu akka danda’u tilmaamameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.