Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa kanatti al-ergii irraa Doolaara biiliyoona 9.4 ol argachuuf karoorfame – Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 20፣ 2017 (FMC) – Bara baajataa 2018 eegalame kanatti humna al-ergii Itiyoophiyaa guddisuun galii sharafa alaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 9 fi miiliyoona 400 ol maddisiisuuf karoorri qabamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee akka ibsanitti, bara baajataa 2017 xumurametti damee daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannootiin bu’aalee gurguddaan galmaa’aniiru.

Cabiinsa bu’uuraalee misooma gabaa Itiyoophiyaa suphuuf hojii hojjetameen wiirtuuwwan gabaa Sanbataa kuma tokkoo fi 500 ol hundeessuun oomishtoonniifi fayyadamtoonni akka walga’aniif haalli mijataan uumamuu ibsaniiru.

Sirna tajaajilaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggarame diriirsuun hawaasni daldalaa bakka jirutti tajaajila galmee daldalaa fi hayyama onlaayinii akka argatu ta’uus himan.

Tajaajila galmee daldalaa fi hayyamaa daran sissi’essuuf Tajaajila Giddugala Tokkoo Masobitti tajaajila kennuu eegaluus dubbataniiru.

Bara baajataa xumurame kana keessatti gabaa idil-addunyaa irratti humna dorgomtummaa Itiyoophiyaa guddisuun galiin al-ergii Doolaara Ameerikaa biiliyoonni 8fi miiliyoonni 300 argamuu ibsaniiru.

Oomishaaleen albuudaa, qonnaa, industirii, fi daldala humna ibsaa galii al-ergii maddisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabanis hubachiisaniiru.

Gama biraan adeemsa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daladalaa Addunyaa itti taatu xumuruuf mariin milkaa’aa geggeeffamuus eeraniiru.

Adeemsa marii daldalaa gamlamee fi garee hedduu keessatti biyyoonni miseensa Dhaabbatichaa 20 Itiyoophiyaa waliin marii daldalaa gamlamee gaggeessuuf fedhii qaban ibsuu isaaniis kaasaniiru.

Walgahii garee hojiirraa 6ffaa baatii Fulbaanaa dhufu Jeneevaatti gaggeeffamu irratti Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf ragaalee barbaachisan erguuf qophaa’uu ibsaniiru jechuun TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.