Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa xumurame keessa lammiileen kumni 100 fi kumni 31 ol gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC) – Bara baajataa xumurame keessa lammiileen Itiyoophiyaa biyyoota alaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 100 fi kumni 31 ol gara biyyaa deebi’an jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Ministeerri Dhimma Alaa Raawwii hojiilee Dippiloomaasii bara baajataa 2017 fi haala waqtaawaa torbee ilaalchisee ibsa kenneera.

Bara 2017 keessa barattoota biyyoota ollaa 968’f carraan barnoota bilisaa dhaabbilee barnootaa olaanootti kennamuufii himan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon.

Kunis hariiroo naannawaa caalmaatti cimsuuf hojii dippiloomaasii hojjetameedha jedhan.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyyoota alaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 100 fi kumni 31 ol gara biyyaa deebi’uu kaasan.

Hojiileen hariiroo waloo fi dippiloomaasii hundagaleessi hedduun hojjetamuu eeran.

Bara baajataa 2017 keessa waliigalteewwan 198 mallattaa’uu dubbatan Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon.

Lammiileen biyyoot adda addaa Viizaan gara Itiyoophiyaa dhufan yeroo kennameef yoo dabarsan adabbiitu isaan eeggata jedhan ibsa isaaniin.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.