Bara baajatichaa lafa heektaara miiliyoona 9tti siqurratti Qamadiin ni misooma- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 lafa heektaara miiliyoona 9tti siqurratti Qamadiin ni misoomaa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Sassaabbii oomisha Qamadii Qonna gannaa daawwachuun qonna qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy daawwannaa isaanii hordofee ibsa taasisaniin, waqtii gannaa sadarkaa biyyaalessaatti lafti heektarri miiliyoonni 4. 5 qamadiin misoome turuu yaadachiisuun, waqtii bonaas cimee itti fufa jedhan.
Bara baajatichaatti lafa heektaara miiliyoona 8.5 hanga heektaara miiliyoona 9tti qamadiin kan oomishamu ta’uu kaasaniiru.
Kunis oomisha bara darbeerraa caalmaa akka qabaatu ni eegama jedhan.
Dooktar Abiy Qamadiin dabalata Paappayyaa, Muuzii fi Qurxummii kilaasteraan misoome daawwachuu eeruun, fayyaa, maallaqaa fi qabeenya argachuuf akkasumas wabii nyaataan of danda’uuf kan dandeessisan ta’uu eeraniiru.
Ce’umsa baaddiyyaa mirkaneessuuf waggoottan muraasa sadarkaa biyyaalessaatti paampiiwwan bishaanii kumni 100 fi kumni 50 ol hojiitti galuu dubbataniiru.
Akkasumas Tiraaktaronni kuma 10 fi koombaayinaaronni kumni 1 hojiirra ooluu ibsaniiru.
Admaasuu Arragaawuun.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.