Bara dhufu damee ogummaafi teeknikaan barnoota digirii 3ffaa kennuuf qophiin xumurame
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017(FMC)- Bara dhufu irraa eegalee damee ogummaafi teeknikaan barnoota digirii 3ffaa( Leevelii 8ffaa) kennuuf qophiin xumurameera jedhan Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil.
Inistiitiyuutiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa FDRI barattoota dameewwan barnootaa garaagaraan digirii jalqabaa( Leevelii 6ffaa) fi digirii 2ffaa( Leevelii 7ffaan) barsiisaa ture kuma 2 eebbisiiseera.
Aadde Muufaariyaat sagantaa eebbaa kanarratti akka jedhanitti, guddina hunda galeessa biyyattii mirkaneessuuf dameen teekinikaafi ogummaa murteessaadha.
Mootummaan damicha cimsuun sadarkaa addunyaan irra geesserraan gahuuf waggoottan torban darbanitti hojiilee hedduu hojjechaa akka ture yaadachiisan.
Kana hordofees damichi fudhatamummaa idil-addunyaa argachuu eeruun, barri 2017 bara bu’aa qabeessa miseensa Hawaasa Ogummaa Idil-addunyaa ta’uun itti danda’amedha jedhan.
Damichi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf murteessaa waan ta’eef yeroo itti aanutti bu’aa argame cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.
Bara dhufutti barnoota digirii 3ffaa jalqabsiisuuf qophiin xumuramuu, kun ammoo damicha sadarkaa olaanaarraan gahuu akka dandeessisu dubbatan.
Barattoonni guyyaa har’aa eebbifaman dameewwan irratti leenji’aniin biyyaafi uummata isaanii kutannoon akka tajaajilan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.