Fana: At a Speed of Life!

Bara jijjiiramaa, hogganaan rakkoo siyaasaa waloon hiikuuf waamicha dhiyeesse…

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018 (FMC) – Bara 2010 jijjiiramni biyyaalessaa dhugoomuu hordofee, dhimmoonni tokkummaa sabdaneessummaa cimsan hedduun mul’ataniiru.

Seenaa Itiyoophiyaa keessatti muuxannoowwan haaraa kanaan dura hin turre argamaniiru.

Keessattuu, yaadamni gara-tokkeefi dhaadhessitummaa dirree siyaasaa keessatti calaqqisu qabbaneessuuf tarkaanfiiwwan murteessoon waan fudhatamaniif, paartiwwan siyaasaa waliin hojjechuuf haalli mijataan uumameera.

Paartiwwan siyaasaa “mormitoota” jedhanii fageessuu fi dhiibuu hambisuuf, jecha “dorgomtoota” jedhuun sirreessuu irraa jalqabee, dhimma biyyaa irratti dhihaatanii akka hojjetan karaan saaqameera.

Waamichi hoggansaa “rakkoo siyaasaa keenya waliin haa hiiknu” jedhu kan mul’ates bara jijjiiramaa kana keessa ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Jijjiiramni biyyaalessaa kun lammiilee gara fuulduraatti fiduun hirmaannaa isaanii kan guddise, akkasumas, qoodinsa Siyaasaa “abbaa “fi “keessummaa ” jedhu hambiseera.

Dhimma Kana Paartii Badhaadhinaa biratti yoo ilaalle, Keenyan qoodinsaa “jidduu” fi “qarqara” jedhu diiguun riqicha tokkummaa ijaareera.

Itiyoophiyaanoti biyya keessaa fi alaa hundi rakkoo qoodiinsa siyaasaa kana keessa utuu hin seenin, haalli biyya isaaniif ga’ee itti gumaachani fi fayyadamoo itti ta’an uumameera.

Waamicha Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yeroo adda addaa dhiheessaniin, lammiilee waggoota hedduuf biyya alaa turan gara biyyaatti deebi’anii dhimma biyyaa irratti akka hirmaatan taasiseera.

Paartiwwan siyaasaa biyya keessaa fi alaa turan gara fuulduraatti dhufuun, ijaarsa isaanii cimsanii, waajjira banatanii yaada isaanii uummataaf akka dhiheessan haalli uumame jijjiirama dirree siyaasaaf fakkeenya tokkoo dha.

Ministirri Muummeen dooktar Abiy Ahimad dhimma kana yommuu ibsan: “Dirree siyaasaa bal’isuun murtee ijoo bara 2010 murteessinee dha,” jedhu.

Paartiwwan akka mormituutti ilaaluu dhiisuu akka dorgomtoota seeraatti simachuun Dirree Diimokiraasii mijataa uumuuf akka hojjetames ibsaniiru.

Ce’umsi yaadaa kunis aadaan dorgommii naga qabeessi Abdii fuul-duree Itiyoophiyaa fuulduraaf barbaachisaa ta’uu amanuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsu.

Ejjennoo kanaan ogganamuun, waggoota darban keessa paartiwwan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaan galmaa’an waliin mariin walitti fufiinsa qabu gaggeeffamaa tureera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.