Bara kana galiin Birrii tiriiliyoonni 1 ni eegama- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018(FMC)- Bara kana galiin mootummaa Birrii tiriiliyoonni 1 ni argama jedhameetu eegama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Fooyya’iinsa diinagdee gooroo hordofee fooyya’iinsa galii irratti taasifameen galiin mootummaan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaafi deebii gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif kennaniin eeraniiru.
Yeroo jijjiiramaa galiin mootummaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 70 ta’uu yaadachiisanii bara kana galiin Birrii tiriiliyoonni 1 ni eegama jedhan.
Daldala al-ergii irrattis riifoormiin taasifame jijjiirama qabatamaa fiduu kaasaniiru.
Al-ergiin baatiiwwan arfan darbanitti taasifame kan bara 2016 ol akka ta’es ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.