Fana: At a Speed of Life!

Barattoota dorgommii Paan Afrikaarratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeessuun deebi’aniif badhaasni kenname

Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC) – Barattoota dorgommii Kubbaa Miilaa Paan Afrikaa Ugaandaa Kampaalaatti gaggeeffamaa turerratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeessuun deebi’aniif badhaasni kennameera.

Barattoonni Manneen Barnootaa Dhakoo Garaadoo Asallaa fi Gadaa Roobalee Adaamaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti hirmaatan koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa 2ffaan xumuraniiru.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aaddee Roozaa Biyyaan milkaa’inni argame dhamaatii qaamota hedduu ta’uus injifannoo boonsaan galmaa’eef ga’een manneen barnootaa kanneenii olaanaa ta’uu dubbatan.

Manneen barnootaa bu’uura Ispoortii ta’uu dhugaa hundi itti waliigaludha jedhan.

Kanaaf, ispoortiin mana barumsaa keessatti sirnaan, beekumsaa fi qindoominaan hogganaamee hojjetamuun ala filannoon biraa damicha itti dagaagsinu akka hin jirre kan nutti agarsiisudha.

Qindoomina Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin qabnu caalmaan guddisuun gosa ispoortii hundaan atiletoota biyya bakka bu’an caalmaatti horachuuf ni hojjenna jechuun dubbatan.

Manneen barnootaatti bakka oolmaa ispoortii babal’isuu, barattota umrii sirrii fi faasiliitii manneen barnoota mijeessuun rakkoo kufaatii ispoortii yeroo ammaa mudate furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.

Barattoota injifannoo boonsaan deebi’an kanneeniif Badhaasni Maallaqaa Biiroo lamaanirraa kennamuufii Daayrekterri Koominikeeshinii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Naannoo Oromiyaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Dijitaalitti himaniiru.

#Oromia #ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.