Fana: At a Speed of Life!

Barii jijjiiramaa milkaa’inoota damee Aadaa fi Afaaniin galmaa’an…

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Mootummaan jijjiiramaa qabeenyawwan aadaa fi beekumsaalee mandhalee misoomsuun hariiroo hawaasummaa ummattootaa cimsuu danda’eera jedhe Ministeerri Aadaa fi Ispoortii.

Ministeerichi barii jijjiiramaa eegalee milkaa’inoota damee Afaanii fi Aadaan galmaa’an ilaalchisee ibsa kenneera.

Gama imaammata aadaa fi afaaniin wixineen tarsiimoo misooma beekumsaalee mandhalee fi qajeelfamni kabaja ayyaanoota ummataa, wixineen sanada imaammata qorannoo afaanotaa qophaa’eera.

Qabeenyawwan aadaa fi beekumsaale mandhalee misoomsuun hariiroo hawaasummaa ummattootaa cimsuun danda’ameera jedhe.

Beekumsaalee mandhalee 100 ol dameewwan 10 jalatti galmeessuun aadaalee fi beekumsaalee mandhaleen sabootaa fi sablammootaa ijaarsa naannawichaaf akka oolu taasifameera.

Naannolee hunda keessatti beekumsaalee mandhaleen faayidaa hawaasummaa dabalataan, ogummaan, nyaannii fi dhugaatiin aadaa fi yaalli aadaa madda galii akka ta’an godhameera.

Sirnnoota Murtii fi haqaa mandhalee 79’f sanadni kurfaa’eera.

Sirni Mana murtii aadaa sirna haqaa dabalataa ta’uun akka tajaajilan taasiifameera.

Sirnoota aadaa araaraa irratti hojiileen qorannoo gaggeeffamaniiru.

Kabaja ayyaanoota ummataa 83 ol ta’aniif sanadni qophaa’eera.

Ayyaanota 5 irratti qorannoon gadi fagoon gaggeeffamuun hariiroo hawaasummaaf akka oolan taasifameera.

Giddugalaa fi bu’uuraalee aadaa 87 misoomsuun tajaajila ummataaf akka oolan hojjetameera.

Afaan saboota fi sablammootaa misoomsuu fi uwwisa isaanii guddisuurratti hojjetameera.

Afaanoota hojii Federaalaa 5 dabalatee afaanoonni 30 ta’an dijiitaala ta’aniiru.

Ogeeyyiin miidiyaalee itti fayyadama afaanii akka fooyyessan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa fi qood fudhattoota waliin hojiin eegalameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.