Barreessituu Itti Aantuun Mootummoota Gamtoomanii Finfinnee galan
Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Barreessituu Itti Aantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee galaniiru.
Itti aantuun Barreessituu kan wayita Buufata Xiyyaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan simatamaniiru.
Yaa’iin 2ffaa Sirna nyaataa Mootummoota Gamtoomanii har’a irraa eegaluun hanga Adoolessa 22, 2017 tti magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.
Dabalataniis Ministirri Muummee Itti aanaan Kuubaa, Ministirri Ministeera Qonnaa Neepaal, Ministiroonni Karoora biyyaalessaa Moorookoo , Yoordanoos, fi Indooneezhiyaa akkasumas Ergamaan Addaa Pireezidaantii Faransaay Yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.