Beekamtiin atileetotaaf kenname dhaloota dhufu ni jajjabeessa – Qananiisaa Baqqalaa
Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC)- Beekamtiin mootummaan atleetota gameeyyiif kenne atleetota kalaan ka’ii kan jajjabeessudha jedhe atleet Qananiisaa Baqqalaa.
Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad kaleessa kan eebbisan Paarkii Isportii Addis keessa, atleet Qananiisaa Baqqalaa dabalatee gootota Olompikii 15f siidaan kabajaa dhaabbateera.
Atleetichi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaan qoodeen, beekkamtiin atleetota gameeyyiif kenname kun dhaloota jalaan-ka’ii isaan fakkataniif hamilee guddaa akka ta’e dubbateera.
Giddugalawwan isportii akkanaa Itoophiyaa keessatti arguun abjuu isaa yeroo hunda akka ta’e kan ibse atleetichi, hawwiin isaa kun milkaa’ee arguun isaa gammachuu guddaa akka uumeef ibseera.
Paarkii kana keessatti siidaan kabajaa hojjetameefii atleetota beekkamtii argatan keessaa tokko ta’uu isaafis galateeffateera.
Paarkiin kun bakka daakaa bishaanii sadarkaa Olampikaa eeggate, dirree kubbaa miilaa piroofeeshinaalaa, kubbaa kachoo, teeniisii fi sarara fiigichaa kan of keessatti qabate ta’uu isaas kaaseera.
Paarkiin isportii kun akka dhaabbatuufi atleetotaaf kabajni akka kennamuuf qaamolee gumaachan hundaaf galata dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia