Fana: At a Speed of Life!

Biirichi barattootaa qormaata kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtii fi badhaasa kenne

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtiin kenname.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessan akkasumas manneen barnootaa barattoota guutumaa guutuutti dabarsaniifi qaamolee milkaa’ina barnootaaf tumsaniif badhaasaafi beekamtiin kenneera.

Badhaasni kunis barattoota qabxii waliigalaa 500 ol galmeessaniif kennameera.

Haaluma kanaan saala lamaaninuu barattoota sadarkaa 1ffaa bahan Birrii kuma 100, 2ffaa kuma 75fi 3ffaa Birrii kuma 50 badhaafamaniiru.

Badhaasaafi beekamtiin kun manneen barnootaa barattoota dabarsan 1ffaa hanga 3ffaa qabatan kan badhaafaman yoo ta’u manni barnootaa Bultii Addaa Dodolaa badhaafamaa waancaa ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.