Fana: At a Speed of Life!

Biirichi Manneen Barnootaa 23 ijaarsisuuf dhaabbilee ijaarsaa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa 23 ijaarsisuuf dhaabbilee ijaarsaa 4 waliin waliigaltee mallatteesseera.

Biirichi guyyaa har’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa 23 Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa garaagaraa keessatti ijaarsisuuf dhaabbilee ijaarsaa 4 waliin waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbilee ijaarsaa raawwii olaanoo qaban 4 Dhaabbata Korporeeshinii Ijaarsaafi Riil Isteetii Magaalaa Shaggar, Waldaa Aksiyoonaa Ijaarsaa OBM, Waldaa Misooma Oromiyaa, Dhaabbata Ijaarsa” Imagine One Day” jedhaman waliin walii galteen kan mallattaa’e yoo ta’u manneen barnootaa kanneen ariitiifi qulqullinaan yeroo baatii 5 hin caalle keessatti ijaaranii xumuruun tajaajilaaf kan qaqqabsiisan ta’uun ibsameera.

Hoogganaan Biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoo wayita kana, barnoota qulqulluufi dhaqqabamaa lammiilee biraan gahuuf Xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Manneen barnootaa kunneenis baajata mootummaa Birrii biiliyoona 1.8n ijaarsisuuf waliigalteen taasifamuu himaniiru.

Dabalataanis bakka ciisicha barattootaa Kolleejjii Sabbataa Birrii miiliyoona 300 oliin ijaarsisuuf dhaabbata Korporeeshinii Ijaarsaafi Riil Isteetii Shaggar waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Korporeeshinii Injineriingii Oromiyaaatti Hojii gaggeessaa Damee Gamoofi Tiraanispoortii Dooktar Injinar Mulugeetaa Musee gamasaaniin, Pirojektoota kanneen yeroofi ariitii akkasumas qulqullina barbaadamuun akka raawwatamaniif tajaajila gorsaafi deeggarsa barbaachisaa kan kennan ta’uu ibsuusaanii ragaan KMO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.