Fana: At a Speed of Life!

Biirichi milkaa’ina  Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf xiyyeeffannoon  hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee Caamsaa 4, 2017 (FMC)_  Biiroon Qonnaa Oromiyaa milkaa’ina  Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibse.

Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Awaasitti qophii hojii Ashaaraa Magariisaa buufata Avokaadoo  hojjetamaa jiru daawwateera.

Buufatichi waggoota muraasa dura akkaataa barbaadameen  hojjechaa hin turre kan jedhan obbo Eliyaas.

Xiyyeeffannoo Biiroon Qonnaa Oromiyaa kenneen bara kana biqiltuu Avokaadoo kuma 75 buufaticharratti qopheessuun danda’amu ibsaniiru.

Hojii qonnaa qamadii bonaan Godinichatti hojjetamaa jirun cinatti xiyyeeffannoo damee qabeenya uumamaatiif kennameen hojii ashaaraa magariisaatiif qophiin gahan taasifamunis himameera.

Buufata biqiltuu Avokaadoo Aanaa Sabbataa Awaasitti bara 2012 irraa eegaluun avokaadoon sanyii filatamaa qophaa’aa kan jiruu fi bara kanas biqiltuu bunaa buufaticharratti qopheessuun jalqabamuun eerameera.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.