Biiroon Lafaa Oromiyaa ogeeyyii fi hoggantoota seera cabsan 294 irratti tarkaanfii fudhate
Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC) – Biiroon Lafaa Oromiyaa ogeeyyii fi hoggantoota dambii fi seera cabsan 294 irratti tarkaanfii fudhe jedhe.
Waltajjiin Gumii Balballoomii dhimma Lafaafi Lafaan wal qabatan irratti mar’ateera.
Qorannoon kun godinaalee 16 fi magaalota 14 keessatti gaggeeffamuun ibsameera.
Lafa eeguu, kunuunsuifi itti fayyadamuurratti hanqinni jiraachuu qorannichaan ka’eera.
Magaalota keessatti lafti pilaanii ala itti fayyadamaa kan jiruufi dogoggoronni kaartaarratti kaartaa kennuu jiraachuu Daayrekterri tajaajila seeraa Biiroo Lafaa Oromiyaa obbo Fufaa Laggasaan dubbataniiru.
Alseerummaa lafaa hir’isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu Hoggantuu Itti Aantuun Biiroo fi Itti gaafatamtuun damee Karooraa itti fayyadama lafaa Aadde Bilisee Hirkoon ibsaniiru.
Tajaajilli giddu gala iddoo tokkoo Masoob rakkoowwan gama kenna tajaajilaan mul’ataniif furmaata ta’uu himuun, dhaloota dhufuuf lafa fayya buleessa dhaalchisuuf eeggannoo taasisuun murteessaadha jedhan.
Lafa kaadasteraan bulchuun rakkoo bulchiinsa gaarii gama Lafaan mul’atuuf furmaata ta’uu itti aanaa Hogganaan Itti Aanaan Biiroo fi Itti gaafatamaan damee kaadastera lafaa obbo Lammii Ilaalaan dubbataniiru.
Biiroon Lafaa Oromiyaa bara 2017 keessa ogeeyyii fi hoggantoota dambiifi seera cabsan 294 irratti tarkaanfiin fudhachuu ibsan.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
*#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.