Biqiltuu dhaabuun rakkoo balaa jijjiirama qilleensaan dhufuu qolachuu dandeessisa- Yilmaa Mardasaa
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC)- Biqiltuu dhaabuun rakkoo balaa jijjiirama qilleensaan dhufuu qolachuu dandeessisa jedhan Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardasaan.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Magaalaa Dirre Dhawaatti duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu eegalchiisaniiru.
Saganticharratti haasawaa taasisaniinis, biqiltuu dhaabuun rakkoo balaa jijjiirama qilleensaan dhufuu qolachuun ni danda’ama jedhan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa obbo Kadir Jawaar gamasaaniin, hojiilee gama ashaaraa magarisaan hojjetamaaniin balaa lolaa fi dhiqama biyyee xiqqeessuun danda’amuu ibsaniiru.
Yaasin Shamsuddiintu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.