Birriin biiliyoonni 1.5 Maalammaltummaaf saaxilame deebi’e – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti taa’aa jira.
Yaa’ichaaf gabaasa raawwii hojii kan dhiyeessan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaan Malanmmaltummaa ittisuuf hojiin jabaan hojjetamuu ibsan.
Kiraa sassaabdummaa Lafa Magaalaa, Baadiyyaa, konkolaataa, maallaqaafi manneen jireenyaa dabalatee maloota adda addaan raawwatame jedhamuun shakkiin qorannoon irratti gaggeeffamaa jiru Birrii biiliyoona 2.9 keessaa Birrii biiliyoonni 1.5 ol gara kaaznaa Mootummaatti deebisuun danda’amuu eera.
Ammas hawasni gochaa malaammaltumma kana irratti Mootumma waliin hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessan.
Balaan Malammmaltummaan dhufu olaanaa ta’us gabaasa dhiyeessan keessatti eeraniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.