Bishaan dhugaatii Itiyoophiyaan Jibuutiif dhiyeessitu Galma ajandaa 2063’n kan walsimuu dha – Gamtaa Afrikaa
Finfinnee, Guraandhala 4, 2018(FMC) – Pirojeektii Adiigaalaa – Jibuutiin bishaan dhugaatii Itiyoophiyaan Jibuutiif dhiyeessitu Gralma Ajandaa 2063’n kan walsimu ta’uu Komiishineerri Damee Inarjii fi Bu’uuraalee Misoomaa Gamtaa Afrikaa Laataanoordii Maataabooj ibsan.
Komiishineer Maataaboojiin Walga’ii hojiraawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa 48ffaa cinatti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Dhimmi dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi qulqullina waaraa Afrikaa qaama bu’uuraalee misooma dinagdee ta’ee hunda caalaa dursi kan kennamuuf ta’uu ibsa isaanii keessatti dubbataniiru.
Ardicha irratti lammiileen miliyoona 300 caalan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi egumsa qulqullinaa ga’aa akka hinqabne eeraniiru.
Gufuuwwan bu’uuraa kunniin dameelee fayyaa, inveestimeentii fi indaastirii irratti hudhaa ta’anii itti fufuu fi biyyoonni miseensonni Gamtichaa rakkinicha fuuuf waloon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiu.
Dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu mirkaneessuuf doolaara biliyoona 30 akka barbaachisu ibsanii, qabeenya kana walitti qabuuf yaaliin eegalamuu ibsaniiru.
Gama kanaan Itiyoophiyaanonni Hidha Haaromsaa Guddicha humna ofiin raawwachuun akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhan.
Akkasumas pirojeektii Adiigaalaa-Jibuutiin bishaan dhugaatii qulqulluun Itiyoophiyaan Jibuutiif dhiyeessitu Gralmoota Ajandaa 2063 waliin akka walsimu kaasaniiru.
Gochi kun biyyoota biroo biratti fakkeenya ta’ee fudhatamuu akka qabu dubbataniiru.
Maraa’ol Kadiriin
#Oromia #Ethiopia