Bishooftuu-Magaalaa Misooma kooridariin daran miidhagde
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC) – Hojiin Misooma Kooridarii magaalaa Bishooftuutti hojjetamaa jiru magaalattii daran miidhagsaa, ammayyeessaafi jireenyaaf mijattuu taasisaa jira.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa obbo Alamaayyoo Asaffaan akka jedhanitti, misoomni kooridarii magaalaa Bishooftuu miidhagduu, qulqulluu fi bakka ga’umsa tuuristii gochaa jira.
Bishooftuun giddugala konfiransiifi tuuristii ta’uu eeruun, kana daran cimsuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Magaalichatti misooma kooridarii kiiloomeetira 104 hojjechuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuufi, hanga ammaattis hojiin misooma kooriidarii kiiloomeetirri 87 hojjetamuu dubbatan.
Bishooftuun Itiyoophiyaarraa bakka gahumsa tuuristiin magaalaa dorgomtuu akka taatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia