Bishooftuun Ayyaana Irreechaa Harsadee kabajuuf qophii xumuruun keessummoota simatteetti
Finfinnee, Fulbaana 24, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa Bishooftuun Ayyaana Irreechaa Harsadee bara kanaa kabajuuf qophii xumuruun keessummoota simatteetti jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa qophii barbaachisaa taasisuun akkaataa duudhaa simannaa Itiyoophiyaa eegeen keessummoota simachuu ibsaniiru.
Magaalicha jiraattotaafi hirmaattota ayyaanichaaf mijataa taasisuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu eeraniiru.
Rakkoon dhiyeessii hirmaattota ayyaanichaa akka hin mudanneef dhaabbilee tajaajila kennan waliin qindoominaan hojjetamuu kaasaniiru.
Ayyaanichi haala ho’aa ta’een kabajamee akka xumuramuuf qophiin taasifamuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Jiraattota magaalichaa keessummoota simatan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.