Fana: At a Speed of Life!

Bitooteessa 24 Deebii Gaaffii Hoggansaa fi Ce’umsa Gulantaa Qabsoo – Pireezidaantii Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitooteessa 24, 2018 (FMC)- Bitooteessi 24 Deebii Gaaffii Hoggansaa fi Ce’umsa Gulantaa Qabsooti jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Hiriira deeggarsaa Injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Seenaan ummata keenyaa seenaa dhiibbaa diinaa qofa osoo hintaane, seenaa qabsoo hadhaawaafi injifannooti.

Ummanni Oromoo cunqursaaf jilbeenfatee hinbeeku; wareegama lafeefi dhiigaatin gaaffiilee eenyummaa, siyaasaa, dinagdeefi mirga dimookiraasii gulantaan deebii itti argachaa asgaheera.

Haata’u malee, qabsoon keenya hudhaalee hoggansaatiin raafamaa figufataa waan tureef baroota dheeraa nurraa fudhateera. Galmi qabsoo keenyaa ifa ta’us, hoggansi tarsiima’aa ce’umsa sana nuuf gaggeessu nihanqata ture. Rakkoofi hudhaa hoggansaa jaarraa tokkoof numudate kana kan hiike, injifannoo Bitootessa 24 bara 2010’ti.

Mootummaan Jijjiiramaa, Yaadama Ida’amuutiin masakamuun, aadaa siyaasaa walajjeechaafi walqoodinsaa maseensuun, gara gocha qabatamaatti nuceesiseera. Bitootessi 24 gulantaa qabsoo keenya kaleessa TA’UU ture gara gulantaa GOCHUUtti olguddiseera.

Kaleessa gaaffiin mirga afaaniin barachuu ture, har’a dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e uumuuf Barnoota Sadarkaa Tokkoon Duraatii hanga “Shaggar Institute of Technology — SIT” babaldhisuutti ce’eera. Kaleessa gaaffiin mirga abbaa biyyummaati; har’a galmi qabsoo keenyaa ummata dinagdeen aangomsuudha. Kaleessa kaayyoon bakka bu’ummaa siyaasaafi ofiin ofbulchuu ture; har’a sabboonummaan keenya sirna ummataawaa cimaa ijaaruu danda’uu irratti hundaa’era.

Kanaafis Mootummaan Gandaa ummata qe’eetti abbaa sirnaa taasisu bu’uura cimaa irratti ijaarameera. Ce’umsi gulantaa qabsoo kun bu’aa Bitootessa 24’ti.

Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damdaneessummaa dinagdee mirkaneessuuf kenneen qonna, indastirii maanifaakchariingii, turizimiifi dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira.

Dhiheenya kanas damee albuuda irratti tarkaanfii seena qabeessa fudhateera. Lafa keenya qofa mirkaneeffachuurraa ceenee, qabeenya lafa jalaa dinagdeetti jijjiiraa jirra.

Albuudni keenya madda diigumsaa osoo hintaane, utubaa badhaadhinaa akka ta’uuf imaammata cimaan qajeelfamaa jira.
Jijjiiramni kun siyaasa bishaanii Gaanfa Afrikaa mo’uun gumaa waggaa dhibboota Itoophiyaaf baasera.

Kanaaf hoggansi ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti kenname ragaa dhabbataadha.

Kana malees, dhimma ulaa galaanaa haqanqaalamee ture Galaana Diimaa gara abjuu qabatamaa badhaadhinaatti deebisuun lubbuu ittihoreera.

Jijjiiramni keenya dippiloomaasii kabaja lammiilee bu’uureffate lafa qabsiisuun sagaleen biyya keenya akka dhagahamu taasiseera. Magaalonni keenya dukkana uffatan akka ofirraa baasan gochuun, jireenya lammiileef akka ofkuulan ta’aa jiru.

Haaromsa imaammata dinagdee gooroo taasisuun invastimantii alaa (FDI) akka hawwaatan akkasumas dilbii keessoo misoomsuuf akka dirree tolfatan ta’aa jira.

Bitootessi 24 gulantaa qabsoo keenya gara boqonnaa haaraatti ceesisuu kan danda’e hoggansa tarsiima’aa waan argateefi. Dhugaa dubbachuuf, hoggansa tarsiima’aa akka Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) argachuun kan nuuf milkaa’e, ittiyaannee/karoorfannee miti.

Akkuma falaasamaa beekamaan ‘Hegel’ jedhu, dhama’iinsa qabsoo keenya keessaa, “Haaxummaan Seenaa/Yaadaa” (The Cunning of Reason) mataa isaatiin tasa kan nubadhaasedha. Dhiphinaafi maraammartoo kufaatii qabsoo ummata Oromoofi ummattoota Itoophiyaa mudachaa tureef arjooma ta’eera.

Egaa, guyyaa kanatti gaaffii ijoon “carraa seenaan nuuf kenne kana maal haagoonu?” kan jedhu ta’uu qaba. Deebiin keenyas gurguddoo lama:

𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐𝒇𝒇𝒂𝒂, oolmaa seenaa ta’ee tasa hoggansa cimaa argannus, gara fuulduraatti garuu gaaffii hoggansaa deebisuuf ‘tasa’ eeguu hinqabnu. Carraa kanatti fayyadamnee, ofeeggannoofi karooran hoggansa jijjiirama kana ittifufsiisu ijaaraa deemuu qabna.

𝑳𝒂𝒎𝒎𝒂𝒇𝒇𝒂𝒂, qabsoo keenya guutummaatti gara fayyadamummaa dinagdee, dorgomummaa dhalootaafi sirna cimaatti jijjiiruu qabna.

Aangoon siyaasaa dinagdee, dhalootaafi sirna cimaan yoo hinutubamne hiika kan hinqabne ta’uu dhaloonni kun hubatuu qaba.

Waggaa 8ffaa injifannoo Bitootessa 24 yeroo kabajnu, ummanni keenya deeggarsa akka michichilaa mootummaa isaa cinaa dhaabbachuun nuuf taasisaa jiruuf onneerraa galateeffachuun barbaada. Mijuun dhiyeessii keenya, qundhaa fedhiifi gaaffii ummataa kan guutu miti.

Rakkooleefi qormaatilee hedduun gangalatanii asgahaniiiru. Haata’u malee, ummanni keenya hiree haqa qabeessa kana wareegama qaaliin goonfachuufi egeree dhalootaa kan murteessu ta’uu waan beekuuf, mootummaa isaa waliin hiriiruuf sababa dila qaba.

Galmoonni imala badhaadhinaa eegalan waggoota muraasa keessatti kan hinmilkoofne ta’uun ummata keenyaaf sookoo miti. Jalqabbiin isaanii ammoo abdii kan namatti horan ta’uu muldhateera. Kanaaf jijjiiramicha har’as wareegama olaanadhaan tikfataa jira; borus ittifufa.

Dhumarrattis, filannoon marsaa 7ffaa adeemsarra jiru bilisa, haqa qabeessafi qilleensa nagaatiin akka goolabamu, akkasumas sagaleen tokko tokkoon keenyaa gatii guddaa akka qabu hubachuun, yeroo hafe keessatti kaardii filannoo fudhachuu, sagalee kennuufi nagummaa isaa eeguun ijaarsa sirna dimokraasii jalqabame akka cimsitan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessa.

Galatoomaa, Ulfaadhaa!
Huraa Bulaa! Deebanaa!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.