Bittaan Birrii biiliyoona 300 olii sirna Elektirooniksiin raawwate
Finfinnee, Hagayya 5, 2017 (FMC)- Bara baajataa xumurame bittaan Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 8 olii sirna bittaa Elektirooniksiin raawwatameera jedhe Abbaan Taayitaa Bittaa fi Qabeenya Mootummaa Federaalaa.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitichaa Masarat Masqalee akka jedhanitti, Bara baajatichaa Sirna bittaa fi Bulchiinsa mootummaa ammayyawaa taasisuun bu’aan jajjabeessan galmaa’eera.
Bara Baajataa 2017 dhaabbilee baajanni ramadamuu fi ofii isaaniin socho’an 169 keessaa dameeleen 93 sirna bittaa elektirooniksii hojiirra oolchuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan bittaan Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 8. 75 sirna elektirooniksiin raawwachuu himaniiru.
Bara Baajataa 2016 sirni bittaa elektrinooksiin raawwatame %65 ta’uu ibsuun, bara kana guutuuman guutuutti karaa elektirooniksiin raawwatamuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.