Biyya nama hubannoo tolcheen uumamte Ministira taasisuun mudde
Finfinnee, Fulbaana 2, 2018 (FMC) – Albaaniyaan nama hubannoo namtolcheen uumamte Ministira taasisuun muduun addunyaarra biyya jalqabaa taate.
Ministirri Muummee biyyattii Eedii Raamaan malaammaltummaa qolchuuf jecha dubartii hubannoo namtolchee (AI)’n oomishamte kaabinee isaanii keessatti makuun dubbii ijoo ta’eera.
Ministirr Hubannoo namtolchee taate kun moggaasa ‘Diiyeellaa’ jedhamu kan laatameef yoo ta’u, hiikoon isaas Aduu/Biiftuu jechuudha jedhame.
Ministirri Muummee Eedii Raamaan ministira uffata Aadaa uffattee mul’attu tana wayita beeksisan ergaa dabarsaniin, harki ishee sodaa matta’aa hin qabu jedhan.
Hojiilee mootummaa saffisiisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabdu itti amanameera.
Ministirri AI oomishamte tun bu’aa teeknooloojii jabanaa fayyadamuun Dhaabbata Maaykiroosooftii waliin tumsaan kan gabbatte ta’uu Asoosheetiid Pireesiin gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.