Biyyaaf amanamuu fi hojjetanii hiyyummaa mo’achuun Gootummaa Itiyoophiyaan dhaloota irraa barbaaddudha jedhan hayyoonni
Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC)- Gootummaan Itiyoophiyaan dhaloota ammaa irraa barbaaddu amanamummaan biyyaaf hojjechuu fi ciminaan hojjetanii hiyyummaa mo’achuun biyya ceesisuu akka ta’e hayyoonni hubachiisan.
Yuunivarsiitii Arsiitti Daayrektarri Institiyuutii Qorannoo Oromoo fi Qorataa fi barsiisaan Gadaa, Fookilarii fi Seenaa Dooktar Mohaammad Namoo Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif yaada kennaniin akka ibsanitti, akkuma abbootiin tokkummaa fi xiiqiin meeshaa boodatti hafaa qabatanii diina biyya weeraruuf dhufe mo’atan, dhaloonni ammaa ammoo haala miijataa uumameef keessatti dudhaa abbootii fudhatee biyya ceesisuuf hojjechuutu irraa eegama.
Gootummaan meeshaa qabatanii waraanuu qofaan hin ibsamu kan jedhan Dooktar Mahaammad Namoo, biyyaaf amanamuun, jabaatanii hojjechuun ofis ta’e biyya hiyyummaa keessaa baasuun gootummaa biyyi dhalootarraa barbaadduu dha jedhan.
Hannaa fi malaammaltummaan danqaraa guddina biyyattii ta’uus ibsuun, dhaloonni kun kana irraa bilisa of baasuu fi irratti qabsaa’uun aantummaa biyyaaf qabu mul’isuunis mallattoo gootummaa ta’uu kaasan.
Biyyattiin Hidha haaromsaa guddicharraa jalqabee pirojeektiiwwan misoomaa biyya ceesisanii fi fudhatama addunyaarratti qabdu guddisan hojjechaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Mohaammad Namoo, milkaa’ina hojiiwwan misoomaa kanneeniifis dargaggoonni adda durummaan hirmaachuu qabus jedhan.
Dargaggoonni yeroo isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti dabarsuun olola burjaajii warra biyya diiguuf kaayyeffataniin utuu hin gowwoomfamin, carraa teekinooloojii kanaan fayyadamanii odeeffannoo biyya ijaaru dabarsuu, olola sobaa dura dhaabbachuu, hojiiwwan tola ooltummaa adda addaa diriirsuun rakkoolee hawaasaa furuuf haxxoomuu akka qabnis hubachiisan.
Yuuniivarsiitii Ambootti qorataa fi barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Seenaasaa Damisee gama isaaniin, dargagoonni dudhaa jaalala biyyaa fi tokkummaa abbootii kaleessaa fudhachuun garaagarummaa tokko malee dinagdeen fi tekinooloojiin injifannoo galmeessuu, wantoota tokkummaa isaanii laaffisuuf yaalanis qulqulleessanii irraa fagaachuun biyyaaf hojjechuutu irraa eegamaa hubachiisan.
Biyyattii carraa argataniin beeksisuu fi maqaa gaarii isheen qabdu ijaaruun, qabeenya biyyaa eeguu fi kunuunsuun gootummaa amma biyyi irraa eegdu ta’uu hubachuu qabuus kaasan.
Dargaggoonni qooda gama kanaan irraa eegamu akka ba’ataniifis mootummaa irraa eegalee qooda-fudhattoonni hundi haala miijessuu akka qabanis hayyoonni kunniin yaadachiisaniiru.
Yoonaataan Biraanuutu gabaase.