Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa karooora bayyaannannaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamchuuf dandeessisu akka baafataniif deggeramuu qabu

Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Biyyoonji Miseensonni Gamtaa Afrikaa karoora dhiibbaa jijjiiramaa qabeenya qilleensaa bayyaannachuu isaan dandeessisu baafachuu akka danda’an deggeramuu qabu jedhan Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf.

Xumuramuu yaa’ii hoggantootaa Gamtichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamchuuf bu’aa Ashaaraa Magariisaan galmeessisteef jajaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf kutannoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argisiisan hojiin kan argamu ta’uu ibsanii, bu’aa argame magaalaan Finfinneeyyuu ni mul’isti jedhan.

Yaa’ii Qabeenya Qillernsaa Afrikaa 2ffaa Itiyoophiyaan keessummeessitee turte irratti sanadni humna ardittiif °akka eerumsaatti fayyadu ragga’uu yaadachiisaniiru.
Hammamtaan gaazii faalamaa Afrikaa xiqqaa yoo ta’es miidhaan jijjiirama qabeenya qilleensaan irra ga’u guddaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis biyyootni miseensota Gamtaa Afrikaa karoora bayyaannannaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu dandeessisu baafachuu akka danda’aniif deggeruu akka barbaachisu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.