Biyyoonni lamaan tumsa fayyadamummaa waloorratti hundaa’e caalmaatti cimsuuf mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin tumsa fayyadamummaa waloorratti hundaa’e caalmaatti cimsuuf mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Ministira Dhimma Alaa fi Ittaanaa Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Eedmoondoo Chiireelii waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaan tumsa diinagdee, misoomaa, Invastimantii damee dhuunfaa, nageenya naannawaa fi tumsa bara dheeraa qaban akkaataa caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shiideen, adeemsa fooyyessa diinagdee gooroo, diinagdee tasgabbeessuu fi naannawaa Invastimantii fooyyessuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Deeggarsa Xaaliyaaniin dameewwan adda addaan Itiyoophiyaaf taasiiftu galateeffataniiru.
Eedmoondoo Chiireeliin gama isaaniin, ejjennoo Itiyoophiyaan guddina diinagdee cimaa mirkaneessuuf fudhattee fi naannawaa gaanfa Afrikaatti nageenya waaressuuf gumaacha taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Xaaliyaaniin damee diinagdee Itiyoophiyaa tumsuuf murannoo olaanaa qabaachuu mirkaneessan.
Xaaliyaaniin abbootiin qabeenyaa biyyattii diinagdee Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa isaanii caalmaatti guddisanii akka itti fufan kan hojjettu ta’uu dubbachuu Ministeerichi Faanaa Dijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.