Biyyoonni Miseensa IGAD odeeffannoo qabeenya qilleensaa cimaa ijaaruuf Sirna amansiisaa diriirsuu qabu- Dooktar Injiinar Haabtaamuu
Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC ) – Biyyoonni Miseensa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Odeeffannoo qabeenya qilleensaa cimaa ijaaruuf Sirna amansiisaa diriirsuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan.
Giddugalli Raagaa Qilleensaa fi hojirra Oolmaa IGAD Qaamoolee tumsitootaa waliin ta’uun waltajjii haala qilleensaa Gaanfa Afrikaa 70ffaa gaggeessaa jiraachuun eerameera.
Dooktar Injiinar Haabtaamuun wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Gaanfa Afrikaatti irra deddeebiin hongee fi Lolaan qormaata ta’uu dubbataniiru.
Qonnaa, birmadummaa nyaataa, qabeenya bishaanii, tuurizimii fi fayyaan dameelee dhiibbaan qabeenya qilleensaa irra qaqqabu ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaatti ragaa haala qilleensaa amansiisaa fi sirrii tilmaamuu fi diriirsuuf dhaabbata ammayyeessuu fi sirna cimaa diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Giddugalli Raagaa Qilleensaa fi hojirra Oolmaa IGAD odeeffannoo haala qilleensaa amaniisaa dhiyeessuuf dandeettii ogeeyyii damichaa cimsuuf hojiileen biyyoonni Miseensaa hojjechaa jiran kan dinqisifatamu ta’uu Ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.