Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirgi sarara geejjiba galaanaa argachuu isaanii kabajamuu qaba- Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirgi sarara geejjiba galaanaa argachuu isaanii kabajamuu akka qabu hubachiisan.
Yaa’ii 3ffaan Mootummoota Gamtoomanii biyyoota guddachaa jiraniifi Karra Galaanaa hin qabnee Turkimeenistaanitti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Alamuu Simeen yaa’icharratti akka jedhanitti, biyyoonni guddachaa jiraniifi ulaa galaanaa hin qabne rakkoolee sarara geejjiba galaanaa, baasii geejjibaa olaanaa, bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroon rakkachaa jiru.
Fedhiin biyyoota kanneenii maariitaayimiin carraawwan diinagdee fayyadamuu, eegumsa naannawaafi nageenya maariitaayimii eeguu ta’uus kaasaniiru.
Yaadamoonni bu’uuraa ulaa galaanaa guutummaatti hojiirra ooluu akka qaban eeruun, kunis misooma waaraafi waloo akkasumas nageenya waaraa fiduuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii kanarraa mirga ulaa galaanaa argachuurratti jijjiiramni ilaalchaa fi kutannoo addunyaan dhimmicharratti qabdu ni haaromfama jettee kan eegdu ta’uus dubbataniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne haala teessuma lafaan osoo hin danqamiin dhimmi mirga maariitaayimii argachuu isaanii mirkanaa’uu qaba jedhurratti jijjiiramni ni dhufa jettee kan amantu ta’uus eeran.
Walitti hidhamiinsa naannawaafi daldala saffisiisuuf bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’an irratti qabeenyaan hirmaachuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Gama Kanaan deeggartoonni misoomaa piroojektoota rakkoolee daldalaa hir’isaniifi gahumsa gabaa bal’isan faayinaansiin akka deeggaran gaafataniiru.
Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, ce’umsa teeknooloojiifi walitti hidhamiinsa diijitaalaa irratti dhiyeessiin faayinaansii idil-addunyaa guddachuu akka qabu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Dhaabbileen mirga ulaa galaanaa argachuurratti hojjetan biyyoota hunda qixa akka keessummeessanis gaafataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.