Fana: At a Speed of Life!

Boba’aan seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri miiliyoonni 1 to’atame- Dooktar Kaasaahun Goofee

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Baatiwwan 8 darban keessa boba’aan seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri miiliyoonni 1 to’atameera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofeen.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Daldalaafi Tuurizimii raawwii hojii baatiwwan saddettan darbanii Ministeerichaa qorateera.

Dooktar Kaasaahun Goofeen wayita kana sababoota ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi kanneen biroon fedhiifi itti fayyadamni boba’aa dabaluu ibsaniiru.

Fedhii kana guutuuf tattaaffii olaanaa gochuun boba’aan alaa galfamaa jiraachuu kaaasanii, boba’aan akka hin qisaasofneefi kaayyoo barbaadamerra akka ooluuf hojiin to’annoofi hordoffii hojjetamaa jira jedhan.

Baatiwwan 8 darban keessa boba’aan seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri miiliyoonni 1 to’atamuu yaadachiisuun, gocha seeraan alaa Kanaan walqabatee namoota 658 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Hojii seeraan alaa dhiyeessiifi raabsa boba’aa irratti mul’atu ittisuun cinaatti itti fayyadama boba’aa irratti murtoowwan addaa murteeffaman hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Erga rakkoon ulaa Hoormuuz irratti mudate as karaalee garaagaraa dooniiwwan irraa boba’aa bituun yeroo sadii dhiyeessuun danda’ameera jedhan.

Namoonniifi dhaabbileen rakkoo dhiyeessii hammeessan jiraachuu kaasanii, yeroo itti aanutti hojimaanni seeraafi teeknooloojiin deeggarame kan diriirfamu ta’uu eeraniiru.

Geetaasaw Yashiiwaastu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.