Fana: At a Speed of Life!

Boorana Bahaatti laftis sirna beeka; seerrifi safuun damboobee argama – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Boorana Bahaatti nama qofa osoo hintaane, laftis sirna beeka; seerrifi safuun damboobee argama jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Warra Jilaati; jilli ardaa itti yaa’u qaba; ardaan yaa’aa ammoo icciitii sirnaati.  Ummatichi waan hundaaf falaasamaafi sirna qaba. Ummanni kun hawaasa qormaata kamuu kabajaafi maqaa ofiitii gaditti ilaaluudha. Kun icciitii guddummaa keenya irraa waraabamuudha jedhan

Nutis eebba ummatichaa kudhaammannee, Godina Boorana Bahaatti piroojektootaafi inisheetivoota akka Hidha Finnaa, kilaastaroota inisheetivii qamadiifi xaafii, haala hojii gurmaa’insa gandootaa, piroojektii Buufata Xaayyaara hojjetamaa jiru daawwachuun sakattaaneerra.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Misoomni qonnaa keessumaa qamadiifi xaafiin godinichatti hojjatamaa jiru, godina armaan dura horsiisee bulummaan beekamu kan hinfakkaannefi dilbii godinichi qonnarratti qabu kan futtaafachiiseedha.  Raawwii jajjaabeessaa kana caalmaattii guddisuuf, gama tokkoon makaanaayizeeshinii babaldhisuun, gama birootiin galteewwan qonnaa yeroon dhiyeessuun barbaachisaadha. Kunis, waqtii roobaa godinichaa hedduu gabaabbatu bu’aa qabeessummaan fayyaadamuuf carraa kan umu ta’a. Lammaffaa, gosoota sanyii midhaanii hanqina roobaa dandamatan irratti xiyyeeffachuu barbaachisa. Gama kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qorannoof qo’annoo toora kanatti taasifamu jajjabeessuuf qophiidha.

Bishaaniin walqabatee, Piroojektoonni Finnaa mootummaan godinichatti hojjachaa jiru akkuma jirutti ta’ee, hojiin bishaan bulchuu cimee ittifufuu qaba. Bu’uuruma kanaan, ganda gandaan, maatii maatiin, hojii bishaan cimmisuu babaldhisuu barbaachisa. Hawaasni keenya hojicha haala kanaan kan raawwatu yoota’e, Mootummaan Naannoo Oromiyaa “geomembrane” boolla keessa hafamu kan dhiyeessu ta’uu kanan mirkaneessu ta’a. Kunis, rakkoo bishaan dhugaattii beeyladaa furuun cinaatti, omisha kuduraafi muduraa jalqabuuf kan dandeessisuudha.

Naannawa horsiisee bulaa kanatti qusannaa, investimantii, jallisii, barnoota, Mana Murtii Aadaa, furdisa loonii, loon diqaaloomsuu, horsiisa lukkuufi kkf jajjaabeeffamuu qaba. Kana ariifachiisuuf, bu’uuraalee misoomaa babaldhisuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisuun barbaada. Dabalataaniis, nageenyaan walqabatee gandoota hunda amansiisaa gochuun dhimma ijoo ta’uu yaadachiisuun barbaada.

Walumaagalatti, qormaata tureefi gammoojjummaa naannawichaa waliin walbiratti yemmuu ilaallu, jalqabbiin sochii misoomaa jiru jajjabeessadha. Haata’uutii jalqabbiin dhuma imalaa miti. Galmi keenya omishtummaa hojiilee jalqabamanii jabeessuu, akkasumas ariitiifi qulqullinaan omishuun, jiruuf jireenya tokkoon tokkoon maatii ceesisuudha. Hundaa’ol ammoo, galmi caasaa mootummaa gandaa, tajaajila si’oomsuufi dhaqqabamaa taasisuu qofa osoo hintaane, sana raawwachuun misooma jiruu nama dhuunfaa fooyyessu umuu akka ta’e cimsee hubachiisuun barabaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.