Fana: At a Speed of Life!

Boordichi dambii namuusa kaadhimamtoota filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dambii namuusa kaadhimamtoota filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ifoomseera.

Wayita duula na filadhaa fi falmii paartiileen dirree dorgommii bilisa ta’e akka argataniif dambii qophaa’e ta’uutu ibsame.

Filattoonnis karaa ifaa fi bilisa ta’een paartii filachuu barbaadaan akka filataniif gargaara jedhame.

Paartilee fi kaadhimamtoonni filannoo waliigalaa marsaa 7ffaarratti hirmaachuuf galmaa’an sirnoota filannoo akka kabajanii fi filannoo amanamaa taasisuu keessatti sanada gahee qabudha.

Dabalataan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa guyyaa har’aa mallattoo dorgommii paartiilee 48 beeksiseera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.