Fana: At a Speed of Life!

Boordichi sirna galmee Diijitaalaa filattoota fi kaadhimamtootaa hojii eegalchiise

Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa sirna galmee diijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa hojii eegalchiiseera.

Sirna galmee diijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa kana hojii eegalchiisuun waggaa tokkoof walakkaa ol fudhachuu Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluun dubbataniiru.

Sirnichi hojii eegaluun isaa, qulqullina hojii, odeeffannoo sirrii, hammataa, baasii xiqqaa fi dhaabbaticha sadarkaa idil addunyaatti guddisuuf gargaara jedhan.

Boordichi hojmaata waraqaarraa gara diijitaalaatti ce’uun isaa boqonnaa guddaa ta’uu Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Teediroos Mihiraat ibsaniiru.

Ijaarsa sirna diimokiraasiif walabummaan dhaabbilee filannoo murteessaa ta’uu eeruun, sirni galmee diijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa ammoo caalmaatti amanamummaa kan mirkaneessuudha jedhan.

Sirnichi filmaatawwan 3 kan qabu yoo ta’uu, appilikeeshinii Filannoo jedhamu, Marsariitii fi buufataalee filannootti argamuun Taabileetiin galmaa’uu ta’uu ibsan.

Akkasuma qaama miidhamtootaaf haala mijatuun qophaa’uu ibsame.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.