Boordichi Walgaltee Tumsa Biyyaalessaa ragalee sobaa ittisuu dandeessisu ifoomse
Finfinnee, Guraandhala 13, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Waligattee Tumsa Biyyaalessaa ragaalee sobaa fi burjaajessoo filannoon wal qabatan ittisuuf dandeessisu ifoomseera.
Waligalticha Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) waliin ta’uun ifoomsuu dha kan ibse.
Baninsa waliigaltichaa irratti Walitti Qabduun Boordii Filannoo ItiyoophiyaaMelaatwarqi Haayiluu, Filannoon waliigalaa 7ffaan ifa, amanamaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf boordichi xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.
Yeroo filannoo ragaaleen sobaa dhibbaa uumuu akka danda’an eeranii, waligalteen tumsaa har’a ifoome kun dhibbaa ragaaleen sobaa kanneen geessisan ittisuuf tattaaffii jiru gargaaraa kaasan.
kaayyoon waliigaltee tumsaa kun odeeffannoowwan sobaa wayita filannoo tamsa’uu malan qulqulleessuu fi deebii hatattamaa kennuu ta’uus ibsaniiru.
Dabalataanis, waliigaltichi filattoonnii fi dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa filannicha keessaa qooda qaban murtii odeeffannoo sobaa irratti hundaa’e murteessuu irraa akka eegaman, akkasumas filannichi bilisaa fi amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuu akka kaayyeffate hubachisaniru.
Bakka bu’aan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii Saamu’eel Du’ee gama isaaniin, haasaan jibbiinsaa fi odeeffannoowwan sobaa amanamummaa filannoo balaa irra akka buusanii fi walitti bu’iinsa akka kaasan eeraniiru.
Amanamummaan Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaan yeroo 7ffaaf geggeessituu kan mirkanaa’u adeemsa filannoo buufataalee irratti raawwatamu cinatti, odeeffannoo dhugaa filattootaa fi dhaabbilee fi namoota dhuunfaa filannootti hirmaatan qaqqabuun ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon Boordichaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia