Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalichaaf deeggarsi Meeshaalee wal’aansaa Birrii miiliyoona 50 olitti tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC)- Faawundeeshiniin Heenook Araggaaw jedhamu Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef deeggarsa meeshaalee fi galteewwan wal’aansaa Birrii miiliyoona 50 olitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsicha kan fuudhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa dabarsaniin, lammiilee Diyaasporaa hanga biyyaatti waan qaban qoodan gara laaffeessoo heddu qabna jedhan.

Guyyaa har’aa Ameerikaatti kan argamu Faawundeeshiniin Heenook Araggaaw deeggarsa meeshaalee fi galteewwan wal’aansaa 133 Birrii miiliyoona 50 oltti tilmaamamu nuuf kennaniiru jedhan.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen deeggarsa taasifameef galateeffachuu Kominikeeshiniin magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.