Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalichaatti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo milkeessuuf qophiin xumurame

Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Shaggar guyyaa Boruu Biqiltuu miiliyoona 2.8 ol dhaabuuf qophii barbaachisu xumurame jedhe.

Adoolessa 24, 2017 akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun seenaa haaraa hojjechuuf  qophiin xumuramee jira jedhe.

Karooricha milkeessuuf qophii barbaachisaa hundi xumuramuu Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Qindeessaan Kilaasatara Qonnaa fi Misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu ibsaniiru.

Biqiltuu bosonaa, miidhaginaafi nyaataa oolan miiliyoona 2.8 kan dhaabatu ta’uu himuun hawaasni kuma 500 olis irratti hirmaatu ta’uun eegama edhan.

Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame milkeessuuf biqiltuuwwan nyaataa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus Obbo Girmaan himaniiru.

Guyyaa kana biqiltuun gosa adda addaa lafa heektaara kuma 1 fi 114 ol irratti ni dhaabbata jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.