Bulchiinsa qindaa’aa qabeenya Bishaanii cimsuu
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) –Bishaan dhimma Hawaasummaa, Diinagdee, Naannawaa fi Siyaasaa ta’uu hubachuun Bulchiinsa qindaa’aa qabeenya Bishaanii cimsuun murteessadha jedhe Ministeerri Bishaanii fi Inarjii.
Torbeen Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa mata duree ‘bishaanii fi Annisaa qulqulluu guddina waaraaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Torbichi tarkaanfiiwwan fudhatamaniin bu’aalee argaman, hojiilee yeroo itti aanuu fi dhimmota fooyya’uu qabanirratti xiyyeeffachuun marii paanaaliin kabajamaa jira.
Bishaan bu’uura birmadummaa fi Diingadee, akkasuma Badhaadhina, nageenyaa fi misoomaaf murteessaa ta’uu sadarkaa Ministir Deetaatti gorsaan Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaan ibsaniiru.
Qabeenya bishaanii bulchuu, nageenya isaa eeguu, qajeelchuu fi fayyadamummaa waaraa mirkaneessuuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeran.
Akka biyyaatti gama bulchiinsa misooma qabeenya bishaaniin guddinni jajjabeessan argamuu dubbachuun, bulchiinsa misooma yaa’aa, sirna ragaa Hayidiroomeetirooloojii fi sagantaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuurratti murannoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Bishaan dhimma Teeknikaa qofa osoo hin taane dhimma hawaasummaa, diinagdee, naannawaa fi siyaasaa ta’uu hubachuun bulchiinsa qindaa’aa qabeenya bishaanii cimsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisuu Ministeerichatti raawwataan hojii Hariiroo ummataa fi Kominikeeshinii Geetinnat Simeen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.