Bulchiinsi magaalichaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenne
Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018 (FMC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenneera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen wayita kana cabiinsa barnootaa suphuuf imaammata fooyyessuurraa eegalee sirna barnootaa sirreessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii 500 ol galmeessisan kuma 1 fi 321 keessaa barattoota qabxii olaanaa galmeessisan 336’f beekamtii kennuun jajjabeessuu ibsaniiru.
Magaalichatti barattoota bara barnootaa 2016 qormaaticha fudhatan keessaa % 21.3 darbuu yaadachiisanii bara 2017 gara %31’tti guddachuu eeran.
Manneen barnootaa akka biyyattiitti guutummaatti barattoota dabarsan 50 keessaa 17 manneen barnootaa bulchiinsa magaalichaa ta’uu ibsaniiru.
Manneen barnootaa bultii addaa magaalichatti argaman lama guutummaatti barattoota dabarsuu danda’uun agarsiistuu bu’aa qabeessummaa hojii keenyaati jedhan.
Daandiin badhaadhinaa ijoon barnoota ta’uu kaasanii, bulchiinsa magaalichaatti manneen barnootaa mijatoofi hawwatoo akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamuus yaadachiisaniiru.
Barattoonni qabxii darbiinsaa fidan turtii Yuuniivarsiitiitti taasisaniin beekumsaafi ogummaa biyya fayyadu akka gonfatan dhaamaniiru.
Barattoota qabxii olaanaa galmeessisan dabalataan manneen barnootaafi dhaabbilee damee barnootaaf gahee olaanaa bahataniif beekamtiin kennameera.
Qiddist Birhaanuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.