Bulchiinsi magaalichaa manneen gandaa 106 namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne
Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti manneen gandaa 106 namoota harka qalleeyyiif dabarfamuun kennamaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa kutaa magaalichaatti manneen gandaa 106 namoota harka qalleeyyiif carraan dabarsanii kennuu ibsaniiru.
Marii uummata waliin taasifneen eeruuwwan nuuf kennaman fayyadamuun hojii adda baasuu hojjenneen fayyadamummaa haqa qabeessa jiraattotaa mirkaneessuun namoota harka qalleeyyii dursi kennamuuf qabuuf dursa kennuun hojiin egeree abdiin akka ilaalan taasisu hojjetameera jedhan.
Keessumaa namoonni Kutaa Magaalaa Araadaa naannawaa qarqara Laga Qurxummii irraa kaatan, sababa mormii qaama sadaffaan dhamaatiif saaxilamtanii turtan rakkicha hiiknee mana jireenyaa waan argattaniif baga gammaddan jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.