Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beekamtii hoggansa qulqullina hojii idil addunyaa ISO 9001፡2015 argate
Finfinnee. Sadaasa 2, 2018(FMC) – Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo(INSA) ulaagaalee qulqullinaa guutuun beekamtii mirkaneessa sirna hoggansa hojii qulqullinaa idil addunyaa ISO 9001፡2015 argateera.
Daayreektarri Olaanaan dhaabbatichaa Tigist Hamiid waraqaa ragaa beekamtii kanaa wayita fuudhan akka ibsanitti, dhaabbatichi damee indaastirii nageenya marsariitii keessatti sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa uumuuf tajaajiloota kennuun qulqullina mirkaneessuuf sirna bulchiinsa qulqullina hojii hojiirra oolcheera.
Beekamtiin kun xiyyeeffannaan dhaabbatichi qulqullinaaf kennu sadarkaa xumuraaraa ga’eera jechuu osoo hintaane, oomishaalee fi tajaajiloota kenninuu hunda to’annoo, seeraa fi fedhii maamilootaa caalmaatti fooyyessuuf boqonnaa murteessaa irra jiraachuu keenya agarsiisa jedhan.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Nageenyaa gama isaaniin, beekamtiin kun dhaabbatichi ergama biyyaalessaa ga’umsaan akka ba’atuuf humna guddaa akka uumuuf ibsaniiru.
Daayreektarri olaanaan Dhabbata Madaalli Itiyoophiyaa Injiinar Ma’aazaa Abarraa, beekamtichi adeemsa hojimaataa fooyyessuun, si’aayina guddisuun, humna nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkanessuuf qabu guddisuvun, tajaajilli isaa haala fedhii maamiloota isaa guutuu danda’uun Kennuufi idil-addunyaa irratti dhaabbata dorgomaa akka ta’uuf kan dandeessisuu dha jedhan.
Xumura sagantichaa irratti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa hojiirra oolmaa Sirna hoggansa hojii qulqullinaa keessatti ga’ee olaanaa gumaachaniif beekamtiin kennamuu dhaabbatichi Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.