Buufanni Qindaa’aa Konkolaataa Magaalaa Jimmaa eebbifame
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Buufanni Qindaa’aa Konkolaataa Magaalaa jimmaa eebbifameera.
Ijaarsi buufatichaa harkifatee komii haawaasaa kaasaa kan ture yoo ta’u, bara darbee kaasee xiyyeeffannoo addaa kennameefiin ijaarsisaa xumuramee eebbifameera.
Hoggantuun Biiroo DaandiifI loojistiksii Oromiyaa injinar Heelan Taammiruun, buufatichi tajaajila geejjibaa dabalataan giddugala gabaa of keessaa qaba jedhan.
Buufatichi Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 80n kan ijaarame yoo ta’uu, seeraan alummaa tajaajila geejjibaan walqabatu ni fura jedhamee eegama.
Buufata konkolaataa kana malees piroojektoonni Birrii biiliyoona 1 oliin magaalichatti ijaaramaa turan eebbifamaniiru.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, magaalichatti piroojaktoota fayyadamummaa uummataa mirkaneessan 46 ijaaruuf karoorfamee piroojektoonni 43 ijaramuu himaniiru.
Sirna eebba piroojaktootaa kanaarratti kan argaman Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti qindeessaan ijaarsa siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, naannichatti rakkoowwan daandiifi geejjibaan walqabatan furuuf Birrii biiliyoona 10 oliin pirjaktootni garaa garaa hojjatamaa turuu yaadachiisan.
Warqaafaraaw Yaalawtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna