Fana: At a Speed of Life!

Buufanni xiyyaaraa Teeppii hojii eegale

Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Buufanni xiyyaaraa xiqqaan Teeppii waggoota dheeraa booda guyyaa har’aa irra deebiin tajaajila kennuu eegaleera.

Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen akka jedhanitti, Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii bara 2015 irraa eegalee hojimaata ijaarsa buufata xiyyaaraa xiqqaafi  damee geejjibaa irratti abbootii qabeenyaa hirmaachisu hojiirra oolcheera.

Buufanni Xiyyaaraa Teeppii guyyaa har’aa hojii eegales piroojektoota walfakkaatan 39 ministeericharraa deebii argatan keessaa tokko ta’uu eeruun, buufatichi tajaajila kennuu eegaluun qabeenya guddaa naannawichaa haalaan faayidaarra oolchuuf gahee qabaachuu kaasan.

Pireezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon gamasaaniin, buufatichi hojii eegaluun babal’ina invastimantiifi diinagdee dadammaqsuu keessatti shoora olaanaa qabachuu ibsaniiru.

Buufatichi bara 1950 irraa eegalee tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u dhuma bara 1990mootaa tajaajila addaan kutee ture.

Buufata xiyyaaraa Kanaan xiyyaaronni hanga namoota 55 keessummeessuu danda’an tajaajila ni kennu jedhameera.

Tasfaayee Mirreessaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo:  www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.