Buufataalee filannoo naannoo Oromiyaa kuma 18 irratti taajjabdota bobbaasuuf qophiin xumurame – Federeeshinii fi Waldaa Dargaggoota Oromiyaa
Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Buufataalee filannoo naannoo Oromiyaa kuma 18 irratti taajjabdota bobbaasuuf qophiin xumurame jedhan Federeeshinii fi Waldaan Dargaggoota Oromiyaa.
Federshiniin Dargaggoota Oromiyaa fi Waldaan Dargaggoota Oromiyaa adeemsa diimokiraasii fi bulchiinsa gaarii cimsuuf gahee isaanii bahachaa jiraachuu eeruun,. buufataalee filannoo naannoo Oromiyaa kuma 18 irratti taajjabdota bobbaasuuf qophii guutuun xumuramuu ibsan.
Kunis hirmaannaa dargaggootaa siyaasaa keessatti guddisuu fi filannoo haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf shoora guddaa qabaachuu ibsame.
Hojii kana milkeessuuf itti gaafatamtoonni sadarkaa godinaa fi bulchiinsa magaalotaa magaalaa Adaamaatti leenjii leenjistootaa fudhachaa jiru.
Leenjiin dandeettii cimsuu kun, dargaggoonni hubannoo filannoo hubannoo bal’aa akka horatan taasisuun, adeemsi taajjabdummaa sirnaan akka raawwatamuuf bu’uura kaa’a jedhame.
Kaayyoon taajjabdummaa kanaa guddaan haqummaa, iftoominaa fi dimokiraatummaa adeemsa filannoo mirkaneessuudha.
Dargaggoonni akka qaama hawaasaa bal’aa fi humna jijjiiramaa ta’anitti, adeemsa dimokiraasii keessatti hirmaachuun itti gaafatamummaa lammummaa isaanii bahachaa jiru.
Pirezidaantiin Federeeshinii Dargaggoota Oromiyaa, Kaliifaa Hasan, fi Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota Oromiyaa, Ahmed Nuur Aliyyii fi Itti aantuu Waldaa Dargaggoo Oromiyaa durbee Nadhii Godaanaan leenjicharratti argamuun dargaggootaaf kallattii hojii kennuu Daayrekterri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Dargaggoonni haqummaa filannoo eeguu, seera kabajuu fi nagaa cimsuuf gahee isaanii akka bahatan hubachiisan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.